| Murtii Walgayii Afraffaa Gola Hogganoota Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO)
|
| Date: |
September 30, 2004 |
| Soure: |
Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO)
|
|
Walgayiin afraffaa Gola Hogganoota Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa Birraa 20 – 24, 2004 gaggeyfamee milkiidhaan xumurame. Walgayiin kuni eega yayyaboota gara-garaa, keeysattuu kanneen waaee jaarmayaa laalan, haala qabsoon Bilisummaa Oromiyaa keeysa jirtu, haala ummanni Oromiyaa kiyyoo mootummaa TPLFiin hogganamtu jala ittiin jiru, fii haala siyaasaa waliigala Gaafa Afrikaa keeysa jiru bal'inaa fii gadi fageenyaan eega irratti marihate booda kutannoolee armaan gadi dabarse.
1. Waaee Jaarmayaarratti
Waltajjiin waliin irraatti hojjatan kan sabni Oromoo bal'inaan irraa qooda fudhatee, bal'inaan qabsoo ummanni Oromiyaa bilisummaaf godhu keeysatti hirmaachuu ittiin dandayuu barbaachisaa tahuu guututti hubachuudhaan;
Unkaafii heeraan jabaachuun hojii fii dandeeytii THBO akka miidhagsu dhugaa jirtu tahuu beekuudhaan;
Waa'ee jaarmayaa irratti hojjachuun sardamsiisaa akka taheefii, hanqinootni amma dura mul'ataniis waan heerri ittiin hojjatamu hinjiraatiniif tahuu hubachuudhaan;
Golli Hogganootaa,
- Qaceelfama Gumii Idda Bu'oota THBO irratti irkatee, eega bal'inaan laale booda wixinee sagantaa Siyaasaatiifii Heera THBO kan walgayii Gumii Idda Bu'ootaatiin raggaasifamu qopheeysee jira.
- Guyyaafii bakka korri Gumii Idda Bu'oota THBO kan Wixinee sagantaatiifii Heera raggaasisu itti taa'uuf jiraatuus murteeysee jira.
2. THBO jabeeysuufii qabsoo bilisummaa Oromiyaa muuxeeysuurratti
Hojii THBO gamaaggamuufii dadhabina kana dura argamanirraa barnoota fudhachuudhaan;
Sossooha dhaaboonni hundi tokkummaa qabsoo Bilisummaa Oromiyaatiif gara hojiitiin godhan laaluudhaan;
Tarkaanfiilee ummanni Oromiyaa silaa THBOrraa arguu barbaadaniifii, ilaalcha ummanni keenya dhaaba kanaaf qaban xinxaluudhaan;
Sabni Oromoo sardamaan ka barbaadu sagalee takkitti Afaan sabaa taatu, humna jaaramte tan fedhii ummata Oromiyaa eeydee, humna Wayyaanee ummata Oromiyaarraa ittiftu tahuu hubachuudhaan;
Gaafni silaa humnoota Bilisummaa Oromoo tokkoomsinu kani nurraa ture tahuu beekuudhaan;
Galii qabsoo Bilisummaa Oromiyaa rukutuuf karaan tokkichi tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa tahuu amanuudhaan;
Golli Hogganootaa,
- Gufuulee qabsoo Bilisummaa Oromootiifii, THBOn akka hin guddanne danqaran mara duraa buqqisuuf wa'ada galan;
- Jaarmayoota miseensa THBO jidddutti walqunnamtii jabeeysuu, hariiroo fayya –qabeeysa tahe cimsuuf murannoota qaban dhugoomsanii jiran;
- Rakkoo jaarmayoota miseensa THBO jiddutti dhalachuuf malan hundarratti tarkaanfii fudhachuufii yeroodhaan furmata laachuuf walii galanii jiran.
3. Jaarmayoota Hawaasaafii Ogummaa hirmaachisuurratti
Jaarmayoonni hawaasaa, kan ogummaa, kan daldalaa, kanneen biraatiis marroon qabsoo Bilisummaa Oromiyaa keeysatti taphachuu dandayan guddaa tahuu hubachuudhaan;
THBO keeysatti hirmaatanii qooda isaanirraa eeggamu baasuudhaaf fedhii jaarmayoonni akkanaa kuni qaban hubachuudhaan;
Biyya keeysaa fii alattiis galii THBOn qabuu keeysaa guddoon takka murnoota hawaasa Oromiyaa hunda sossoosanii, sochii THBO keesatti hirmaatanii qabsoo Bilisummaa Oromiyaatiif akka gumaachan godhuuf tahuu hubachuudhaan;
THBO keeysatti Jaarmmayoota Oromoo akkanaatiif bakka isaaniin maltu kennuufii haala anjaawaa qopheeysanii qabsoo Bilisummaa Oromiyaatirraa akka hirmaatan godhuun barbaachisaa tahuu guututti amanuudhaan;
Golli Hogganootaa,
- Karaa jaarmayoonni hawaasa Oromiyaa sossooha THBOn geggeyfamu keeysaa hirmaatan tolchuurratti waliigalee jira.
- Jaarmayoota akkanaa kana harka banatanii sochi kanarraa qooda fudhachiisuuf waliigalee jira.
4. Haala siyaasaa har'a Oromiyaa keeysa jirurratti
Mukarra butamiinsafii dararama ummanni Oromiyaa harka mootummaa faashistii TPLF Ethiopiatiin irra gayaa jirutti nahuudhaan;
Gara-jabeenya irraa-deebi'ii hinqabneen mootummaan TPLF mirga namooma ummata Oromiyarraa solloysuun rakkoo siyaasaa, diinaggeeyiifii hawaasummaa guddisuu argaa oolurraa aaruudhaan;
- Wayyaaneen “heera” ofumaafuu baafatte cabsitee Finfinnee Oromiyaarraa kuttee adda baasuun, bu'aa Finfinneen jireenya ummata keenyaaf argamsiisu fi guddina saba Oromoo cabsuurratti akeekkachuusaa;
- Tarkaanfiin bineensummaa kan barattoota Universitiilee, koollejjootaafii manneen barnoota sadarkaa lammaffaa barnoota dhoorkuuf dhiheenya kana fudhatame;
- Hidhuu hogganootaafii waajirtoota Waldaya Maccaa fii Tuulamaa Reebuu, dararuu fii hidhuun;
- Siyaasaa mootummaa kanaarratti irkatee hojiirra oolaa kan jiru fii nama lakkooysaan guddaa tahe beela, dhukkubaa fii du'aaf kan saaxile sagantaan ummata lafa ofiirraa buqqisanii bakka bishaan, nyaatni fii manni roobaafii aduu itti dahatan hinjirretti qubachiisuu;
Hawaasni addunyaa bal'inaan dura dhaabbatullee sagantaan bahe yo itti fufe ummata Oromiyaa kan lakkoysi 2,000,000 gayu lafa fayyaan ummataa hineeggamne kanarra qubsiisuuf saganteeyfamuun;
Kuni hundi fakkeenya gara-jabeenyummaa mootummaa kiyyoo Wayyaaneeti agarsiisan.
Golli Hogganootaa,
- Ilaa, dararmaafii dhukkubbii mootummaan Wayyaanee Ummata Oromiyaarraan gahaa jirtu kanaaf nibalaaleeyfata
- Yakki farruummaa fii tarkaanfiileen garajabeenyaa kan Wayyaaneen ummata Oromiyaarratti raawataa jirtu tokkolleen kan hin iraanfatamne tahuu dinniinaa, isaan kanaafiis itti gaafatamni mataa isii gubbaa tahuu ni hubachiisa
5. “Referendama” mootummaan Toophiyaa lafa Oromiyaarratti godhaa jirtuu
Daangaa Oromiyaafii Soomalee jidduu jiru sirreeysuuf fakkeeysee Oromiyaa xiqqeeysuuf, iddoo referandamaatu irratti godhama jedheme keessaa fakkeenyaaf - Boorana keessatti: Borbor, Liban, Moyyale, Tuula-Saglan, Wachile; Baale keeysatti Barbaree, Gooroo, Haroo-Dibbee, Madda-Walaabuu, Baqaqsa, Raayituu; Harargee keeysatti Baabbile, Bordoddee, Gursum, Jaarso, Mullu; shira cubbuu kan mootummaan Wayyaanee hojjataa jirtu tahuu hubatee
Ummtoota dhaloota kumaan lakkaawamuuf ollummaafii obblummaan waliin turan kan Soomaleetiifii Oromiyaa jiddutti daba diinummaa dhaluuf jecha mootummaa Wayyaaneetiin kan tolfame, sagantaa cubbuu tahuu amanee;
Wayyaaneen Lafa Oromiyaa kukkuttee saboota ollaa biraatiif kennuun kuni Oromiyaa dhiphiftee, lakkoysa ummata keenyaa xiqqeessuudhaan qabsoo bilisummaa Oromiyaarratti dhiibbaa jabeeysitee yeroo dheeraaf gabrummaadhaan ummata keenya bulchuuf kan bahe sagantaa cubbuu tahuu hubatee;
Golli Hogganootaa,
- Sagantaa cubbuu kan fedhii siyaasaa mootummaa wayyaaneerratti hundaawee ummata Oromiyaa qe'ee isaatirraa buqqisanii gaaga'ama diinaggeeyfii hawaasummaaf saaxilu kana ni balaaleeyfata.
- shirri mootummaan Wayyaanee afuufaa jirtu kuni ummata keenyaa fii ummata Soomalee jidduutti xifaa uumanii ummata lamaan Obboleeyyanii kan Soomaleetiifii kan Oromiyaa waliin fixuufii, barcuma mootummaarra turuufii yeroodhaan bitachuuf kan bahe tahuu hubatanii, sagantaa shiraa tanaan akka hin sobamne ummata Somaleetti iyyata.
6. Yaaminsa Gola Hogganootaa
Ummata Oromiyaatiif
Yaa Ummata Oromiyaa:
- ka'ii mootummaa yakkamtuu TPLF irratti fincilii, fedhii biyya keetiifii, mirga kee kan abbaan fedhe sirraa mulquu hin dendeenye deeffachuuf qabsaawi.
- hawwii bilisummaaf qabdu dhugoomsuuf, tokkummaan dhaabbachuun dirqama filannoo hinqabne waan ta'eef, walta'aa THBO wajjin dhaabbaddhu.
Hawaasootaafii jaarmayoota adda-addaa
- THBO jaarmaya hundeqabeessa godhuuf jaarmayootni hawaasaa fii kan biraa hunduu waan isinirraa eeggamu akka gumaachitan
Oromoota waraana diinaa keessatti tajaajila kennaa jirtan
- Oromootni waraana diinaa keessa jirtan, duula duguuggii shanyii kan mootummaan faashistii TPLFiin ummata Oromiyaarratti banamee jiru ija guduunfattanii eeguu dhiiftanii ummata keeysanii waliin hiriirtanii jiruu nama keeysanii akka tiksitan;
Humnoonni dhugaan dimokraasiif warraaqaa jirtan
- Mootummaan Wayyaanee ummatoota Itiyophiiyaa keeysa jiran jiddutti waldhabbii uumtee, wal fixiinsi akka dhalatu godhuuf shanyii midhaan waljibbansaa ummatoota jiddutti facaasuuf saganteeyfattee jiraachuufii gaaga'ama karaa kanaan dhufuu dandayu hubattanii, tooftaa cubbuu tana dura dhaabbattanii akka fashalsiisftan.
7. Iyyannoo Gola Hogganootaa
- Mootummootni Tokkoome (UN) fii Tokkomni Awrophaa (EU) gochi mootummaan Itiyophiiyaa saba Oromoorratti, walumaagala Empaayara Itiyophiiyaa fii Gaafa Afrikaa keessatti adeemsisaa jirtu haqaa fii mirga namoomaarra ejjechuufii nageenya dhabamsiisuu ta'uu hubattanii, mootummaan tuni gocha kanarraa akka adabattu dhiibbaa akka gootan;
- Mootummoota United States, Awroppa fii kanneen mootummaa Wayyaanee wajjin qunnamtii qabdan hundi mootummaan Itiyophiiyaa saba Oromoorratti miidhaa hamaa gaggeeysaa waan jiruuf, gargaarsi isin gootaniif miidhaa kana waan cimsuuf akka irraa dhaabdan;
- Jaarmayni Maallaqa Addunyaa (IMF) fii Baankiin Addunyaa (WB) liqiileen isin mootummaa Ethiopiyaa tan heeraan alaafii itti gaafatama hin beeyneef laataa jirtan ummatoota isin xiyyeeffattan dhaqqabaa waan hin jirreefii, inumaa ummatoota san guddisuu dhiisee miidhaa waan jiruuf, haala kana keeysa deebitanii laaluudhaan ejjannoo keessan akka geeddartan.
Tokkummaan Humnaa!!
Oromiyaan Ni Bilisoomti!
Gola Googanootaa Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa!
Birraa 24, 2004
|
:: Gumii Bilisummaa Oromiyaa ::
|
|
|
| |