| News - Articles|


  Gumii: ULFO - Resolution

IBSA WALGAHII GOLA HOOGGANOTA TOKKUMMAA HUMNOOTA BILISUMMAA OROMIYAA
Date:   October 20, 2003
Soure:   Gumii Bilisummaa Oromiyaa
Golli Hoogganoota Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa walgahii isaa kan 3ffaa Onkololessa10-14 adeemsisee murtiilee armaan gadi jiran dabarsuun xumurateera.

TOKKUMMAA HUMNOOTA BILISUMMAA OROMIYAA IRRATTI.

Tokkummaan Humnoota Bilisummaa Oromiyaa Dhaabota Bilisummaa Oromiyaa , qabsawaa jiraniin erga bu'urfame waggaa sadii guuteera. Bu'uurfamuun Agoobara kanaa qabsawotaa fi Ummata bal'aa keenyatti abdiin bulche guddaa ture. Haa ta'u malee, rakkinoota keessatti dhalatan irraa abdiin kun hojiin dhugoomuu akka hin danda'in ifaa dha. Hir'inoota kanneenifis sababaaleen mul'atoon: Dhaabootni bilisummaa Oromiyaaf qabsaawan Agoobara akkasii jalatti wali wajjiin hojjetuuf gurmaawuun kan duraa waan ta'eef hir'ina moyxannoo argamuu, maalummaa fi akeeka ULFO irratti hubannootni walfakkaatan jiraachuu hanqachuu irraa hamilee fi of kenninsa walfaakkaatan socho'uu dadhabuu, dhaabotni miseensa Agoobarichaa dirqama Dhaaba isaanii fi kan gamtaa wal-madaalsisanii hojjechuu irratti hir'inni argamuu, rakkinni ABO keessatti argame THBO (ULFO) irratti rakkina uumuu; hoogganni Agoobarichaa rakkina kanaf yeroon furmaata kennuu dhabuu, hoogganni ol'aanaa Agoobarichaa kan qaama hojii guyya guyyaa geggeessu qajeelchuu fi toohachuu qabu dirqama isaa gahummaan raawwachuu hanqachuun sababaalee mul'atoo ULFO akka hawwametti socho'uu hanqisani dha. Haata'u malee, hamileen tokkummaa Dhaabota Oromoo jidduu ijaaramuun ULFO umee salphaatti kan ilaalamu miti.

Golli Hoogganootaa haallen kenneen sirrawanii THBOn dirqama akkeekatee ka'e gahumman akka bakkan gahuu danda'u tarkaanfii barbaachisuu fudhachuuf Walgahiin Gumii Idda bu'ootaa yeroo gabaaba keessatti akka taa'u murteessee jira..

RAKKINA ABO KEESSATTI DHALATE

Jeequmsii fi qoodamiinsi ABO keessatti argame, dhaabicha qoffaa irratti osoo hin ta'in, sochii THBOf danqaa guddaa ta'uun, caalatti ammoo, hubama hamilee Ummata keenyaa, fi sab-boonota keenya irran gahuun isaa, akkasumas, diinota keenya gammachiise hamilee isaanii ol kaasuun hubatameeraa. Waan ta'eefis ,Golli Hoogganoota THBO, gamni lachuu balaa haalli kun qabu qalbifatuun , dantaa dhaaba isaanii fi kan Qabsoo Bilisummaa Oromoo, akkasumas, kan Saba-Oromoo dura- aansuun, rakkina dhalate kana walgahii Gumii Idda Bu'oota itti aanu dura haasawaan akka furmaata itti argamsiisan gama lachuuf waamicha dabrsa. Waamicha kanas, fedhiin simatanii akka hojitti hiikan Golli Hoogfanoota THBO gaafata.

BAREESSAA THBO IRRATTI

Barreessaa THBO ilaalchisee rakkini dhalate, yeroon furmaata argachuu dhabee lafa irra harkifamuun sochii THBO irratti gufuu guddaa ta'un beekame. Kanaaf,. Golli Tokkummaa Humnoota bilisummaa Oromiyaa rakkina kana bal'inaan erga irratti dubbatee booda, Barreessaan THBO, Gumii Idda Bu'oota THBOn kan filame waan ta'eef dhaaba kamuu osoo bakka hin bu'in hanga walgahii Gumii Idda Bu'ootaatti dirqama Barressumma isaa irra akka turu murteessee jira.

IJARSA BILISUMMAA OROMOO I (IBSO I) ILAALCHISEE

Yeroo dhihoo kana keessatti , Dhaabni, Miseensa THBO tahe, IBSO-I waliigaltee Oromoo 2000 fi seera keessaa waliigaltee kana irratti hundeeffame, kan fedhii isaan fudhate cabsee humnoota galiin isaanii galii ULFO mormu waliin tumsa ijaarratuun ifaa dha.. Akka waliigaltee Oromoo 2000 fi seera keessaa ULFOtti, tarkaanfiin Dhaabni kun fudhate, adaba mirga Miseensummaa rarraasuu hanga mulquutti kan adabsiisu dha. Kanaaf, Golli hoogganootaa tarkaanfii Dhaaba kanaa irratti gadda guddaa itti dhagahame ibsaa, dhimmi kun qaama dhimma kana ilaalee murtii maayyii kennu danda'u, Gummii Idda-bu'oota THBOf akka dhihaatu murteesseera.

DUULA GURMUU SABA OROMOO DADHBSUUF ALAA FI KEESSAN DIINAAN GEGGEEFAMAA JIRU

Sochiin Sabummaa Oromoo, kayyoo bu'uraa; Biyya tokko, Ummata tokkichaa fi hiree tokkicha, jedhu irratti hundeeffamee utubame, naafisuudhan of duuba deebisuuf diinotni keenya, ayyaan-laallatoota fi booddesitoota hawaasa keenya keessaa bahan tumsa taasifatanii sochiin deemsisaa jiran yeroo kam iyyuu caalaa bal'atee argama.

Yeroo ammaa dulli diinaa aggammii duraa kan taasifate hundee qabsoo bilisummaa keenyaa kan ta'e Sabummaa Oromoo of- duuba deebisuu dha. Akkanaanis,Garaagarummaa xixiqqaa Oromoota gidduu jiran, dirre-bahatti, karaa kitilayyoota isaan waliin dhabbatan fi dhoksaan ammoo , ayyan-laallatoota qabsoon bilisummaa Oromoo yo tokkummaan geggeeffame, bu'aa mata nuuf hin qabu jedhanii sodatanitti fayyadamuun hafarsa jira. Biyya keessaa fi biyya ormaa keessatti , duulli maqaa Amantii, Goodinaa , Gosaa fi Balbalaan deemsifamaa jira. Akkasuma Afaan Oromoo fi aadaa Oromoo laamsheesuuf dabni raawwatamaa jiru, yaadeessaa fi kan yeroon itti duulamuu qabu ta'uun hubatame.

Waan ta'eefis, Golli Hoogganoota THBO, Balaa , Shirri Sab-boonummaa Oromoo fi Gurmuu tokkummaa Oromoo dadhabsuun Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa of- duuba deebisuuf alaa fi keessaan raawwatamaa jiru hegeree qabsoo fi ummata keenyaaf balaa qabu hubatuun, dhaabotni miseensoota THBO ta'an baallama qabsoo bilisummaa Oromoo fi tokkummaa Ummata Oromiyaa tiksuuf seenan deebisanii haarayoomsuudhan mata mataatti fi gamtaan akka shira diinaa olitti ibsamee fi ayyaan-laallatoota Oromoo masheensuu durummaa kennanii akka irratti duulan murteesse.

HAALA ADDUNYAA, NAANNOO KEENYA FI QABSO BILISUMMAA OROMIYA

Haala addunyaa fi naannoo shaffisaan jijjiramaa adeemuu fi xaxaa ta'e keessatti argamna. Haala akkasii keessatti Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa geggeessuun milkeessuuf haala jiru hubatanii jabinaan hojjechuun fardii dha. Keessumaa, haalli kun dhiibbaa faallaa qabsoo keenyaa fi walabummaa Dhaabota keenyaaa irratti qabu ittisuuf kayyoo masakaa Qabsoo Bilisummaa kan of irratti irkannoo fi of-abdachuu dhugoomsuuf socho'uun akkaan murteessaa dha. Kanaaf Goolli Hoogganoota THBO, sagantaa of irratti irkannoo hojiitti hiikuun qabeenya Ummata Oromiya qabsoof oolchuu akka dandeesisutti bilchinaan qoratanii hojii irra oolchuuf akka irratti fulleeffannaan kennameefi hojjetamu murteesse.

MIIDHAA YEROO AMMAA BAQATTOOTA OROMOO IRRA GAHAA JIRU

Yeroo ammaa midhaan Oromoota Jabutii, fi Yemen itti baqatan irra gahaa jiru haalan suukaneessaa dha. Baqatoonni keenya, rorroo Mootummaa Wayyaanee jalaa lubbuu isaanii baafachuuf biyyoota kanneenitti baqatan fedhii isaanii malee dirqamanii Mootummaa Wayyaanetti dabarfamanii kennama jiru. Kanneen deebifaman kana keessaa wayyaba isaanii kan eeggatu , hidhaa, ajjeechaa fi haala hin bekamnetti ukkamfamnii dhabamsifamu ta'uun mooyxannoon amma duraa kan mirkaneessu dha. Haala kana irratti Dhaabotni Miseensoota ULFO, waldayotni hawaasaa, kan Ogeesotaa fi nam-tokken Mootummaa Biyyoota kanatti bifa adda addaan Iyyannaa dhiheessuun beekkamaa dha. Tarkaanfiin Biyyotni kun fudhataa jiran garuu hin dhabbanne. Waan ta'eef , Golli Hoogganoota ULFO, dhiibbaan hawaasni keenya karaa adda addaan godhu akka itti fufu gaafachaa, karaa biraan Mootummoonni Biyyoota kanaa , tarkaanfiin fudhachaa jiran kan hariiroo Ummata Oromiyaa fi Ummatoota isaanii fuula duraa irratti akka qooda hamaa qabu hubatanii, akka irraa dhaabbatan gaafata.



TOKKUMMAA HUMNOOTA ITOOPHIYAA ( UEDF ) IRRATTI

Dhiheenya kana dhaabotni maqaa mormitoota mootummaa Itoophiyaa ofiin jedhan 15 biyya Amerikaanitti walgahanii Tokkummaa akeekni isaa Wayyaanee karaa nagaan kufisuu jedhu tolfatanii akkasumaas filaamta Wayyaanee itti-aanu irratti hirmaachuuf qophii irra jiraatuun beekkamaa dha. THBOn, maalummaa Tokkummaa kanaa fi akeeka isaa gadi fageenyaan xinxaluun, Tokkummaan kun , rakkina bu'uuraa Impayerichaaf furmaata kan kennu osoo hin ta'in Wayyanee bakka bu'uun sirna dullacha durii qabsoo ummatootan diigame deebisuuf kan akeekate, gaaffii nagaa waaraa ummatootni barbaadan mirkaneessuuf hojjetuu irra lola haaraa qabsiisuu sagantaa duraa kan godhatee ka'e fi humna akeeka gita bittaa Abisiniyaa durii deebisuu wixifatu ta'utti hubata. Waan ta'efis Ummatni Oromiya kana hubatee,, sochii murni kun dimokraasii haguggii godhatee Qabsoo Ummata Oromiyaa doomsuuf godhu dammaqaan akka tiksuu waamichi akka dabru murteesse.

SOCHII WAYANEEN LOLA HAARAA QABSIISUUF NAANNOO GAANFA AFRIKATTI DEEMSISAA JIRTU

Mootummaan Wayyaanee erga aangoo qabattee madda jeequmsa naannoo gaanfa Afrikaa ta'uun dhoksaa miti. Biyyoota naannoo keenyaa , Kenya fi Somaliyaatti humna waraanatiin goolii busuu irra dabree lola lubbuu namoota kumatamaa galafate maqaa dangaa Itophiyaa tiksuu jedhuun Eritraa irratti banuun beekkamaa dha. Har'as, murtii komishiniin dangaa Ertiraa fi Etophiyaa kenne diduunn haala lola biraa qabsiisuu uumaa jiraachuun hubatameera. Kanaaf, Golli Hooganoota THBO balaa haalli kun Ummata Oromoof qabu qalbifatuun ummtni keenya akka lola isa hin ilaaletti hin dhumanne fi gochaa Mootummaa Itoophiyaa kana dura dhaabbatu THBO waamicha dabarsa.

WAAMICHA

UMMATA OROMIYAAF

Hacuuccaan, mootummaa gabroomfataan sirra gahaa jiru yoom iyyuu caalaa har'a hammaachaa akka jiru beekkamaa dha. Hidhaa, ajjeechaa, biyya ofii irraa arihatamuu, dhukkuba baraa kan akka HIV fi beelaa fi hiyyummaan dararamuun nafa jireenya kee ta'ee argama. Rorroo fi cunqursaa kana obsitee qabsoo bilisummaa keetiif deeggersa kennaa jirtu, THBO kabajaa guddaan ilaala. Rorroo kana hambisuuf filmatni qabnu qabsoo jalqabne tokkummaa fi of irratti irkannoon bakkan gahuuf qabsaawu qofa. Waan ta'eef har'as akkuma kaleessaa tokkummaa kee jabeeffachuun falmaa kee akka itti fuftu waamicha goona, Golli Hoogganoota THBO qooda irraa eegamu kennuuf qophii ta'uu mirkaneessa.

QABSAAWOTA OROMIYA, OROMIYAA KEESSATTI DIRREE FALMAA ADDA ADDAA IRRA JIRTANIIF

Qabsoon Bilisummaa Oromiyaa bakka amma jiru gahe, boris bilisumma irraan nu gahu kan danda'u falmaa isin godhaa jirtanii fi wareega kafalaa jirtan qofaani. Golli Hogganootaa THBO , gootota Oromiyaa dhaabota miseensota THBO kanneen dirree falmaa hidhanoo fi qabsoo siyaasaa irra jirtan maraaf kabajaa qabu ibsaa. THBOn falmaan keessan milkaawee galii akka gahuu jabinaan akka hojjettan hubachiisa. Har'as akka kaleessaa qabsoon itti-fufa injifannoon ni dhufa isinii jenna.

OROMOOTA SUDUUDAAN QABSOO BILISUMMA OROMIYAAF GUMAACHAA HIN JIREEF

Sababaa adda addatiin Oromootni har'a qabsoo bilisummaa Oromiyaaf gummaachaa hin jirre jiraatuun ifaa dha. Oromootni akkasitti jirtan rakkina ummata keessan irra gahaa jiru hubattanii qabsoo bilisummaa Oromiyaaf gara issiniif mijjaaween qooda akka fudhattan afeerra.

OROMOOTA DIINAA WALIIN DHAABBATAN

Isin miseensootni Saba Oromiyaa beekkaan ta'ee wallaalan diinaa waliin hiriirtan, miidhaa fii hammenya diinni isin meeshaa godhatee oofaa jiru seenaa keessanii fi kan dhaloota keessan dhufuu balleessuu irra dabree qabsoo bilisummaa Oromiyaaf geggeefamu kan dhaabu tahuu baatu illee gufuu uumee umrii gabarummaa Ummata keessanii dheeressee jira. Kanaaf, dhugaa kana hubattanii yeroon ejjennaa keessan sirreessuun Oabsoo Bilisummaa Oromiyaaf akka dirmattan waamicha keenya isiniif haaromsina.

Tokkummaan Humnaa!!
Oromiyaan Ni Bilisoomti!
Gola Googanootaa Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa!

Onkololessa 15, 2003.


:: Gumii Bilisummaa Oromiyaa ::

 
Copyright © 2000 - 2003 GBO/OLC
All Rights Reserved
Email: Gumii Bilisummaa Oromiyaa