| News - Articles|


  ULF0: Resolution

Waliigaltee Foruma THBO (ULFO Public Forum Resolution) Caamsaa/April 16, 2005
Date:   May 11, 2005
Soure:   Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO)
Waliigaltee Foruma THBO (ULFO Public Forum Resolution) Caamsaa/April 16, 2005 Nu hirmaatoonni walgahii THBO'n magaalaa Washington DC tti Caamsaa 9 fii 10, 2005 waamamee haala iddil addunyaa, Qabsoo Bilisummaa Ummata Oromoo fi haala adda addaa irratti qormaata dhihaate dhaggeeffanne bal'inaan erga marihanne booda waliigaltee fi kuttannoolee armaan gadii dabarfanne.

  1. Sirni Gadaa, sirna heegaree Oromoof barbaachisu waan taheef yeroo waliin tarkaanfatee akka dagaagu gochuu irratti gahee keenya kennuuf walii galle.


  2. Haala addunyaa sirritti erga hubannee, haala qabatamaa tahe kanaas barbaachisummaa Qabsoo Bilisummaa Oromoon wal qabsiisuun barbaachisaa waan taheef, dadhabinaa fi irrina keenya jabinatti jijjiiruuf hojjachu irratti waliigalle.


  3. Midhaan daangaa maleeyyi tahe ummata keenya irratti gara jabinaan hojjatamaa jiraachuu isaa hubannee, karaa dandayame hundaan saaxiluu fi addunyatti iyyachuuf waliigalle.


  4. Qabsoo Bilisuummaa keessatti qooda fudhannaan dubartootaa murteessaa tahullee, hamma ammatti ilaalchi barbaachisu akka hin kennaminiif beekkamaa dha.Waan taheef, seenaa Qabsoo Oromoo keessatti qoonni dubartootaa akka bakka barbaachisu argatu irratti hojjachuu qofa osoo hin tahiin, hirmaannaa dubartootaa guddisuuf karaa dandayame maraan bira dhaabbachuuf waliigalle.


  5. Kaa'immanii fi dargaggoon Oromoo biyya ambaa keessatti seenaa, aadaa fi afaan wallaaluun hundee Oromummaa akka hin irraanfanne gochuuf karaa dandeenye hundaan hojjachuu irratti waliigallee, aadaa dhalootaan nutti dabre kanaas isaaniif dabarsuuf jaarmanni Oromoo hundi akka carraaqan gaafanna.


  6. Ummanni Oromoo ummata humna alagaa tiin hacuucca fi roorroohin hamaan irratti raawwatamaa jiru waan taheef, mirga isaa deebifachuuf qabsoo bifa kamuu gaggeefachuuf mirga guutuu akka qabu hubachaa, sochii dhaabotiin THBO mirga sarbame deefachuuf godhan mara deeggaruuf waliigalle.


  7. Bakka jirru maratti waldayoota Hawaasaa keessatti qooda fudhachuun seenaa, addaa fi Afaan keenya guddisuuf akkasumas dhaloota dhufuuf dabarsuu irratti barbaachisummaa isaa itti amannee, gandummaa, amantii, ilaalcha siyaasaa fi wkf osoo addaan wal hin qoodin waldayoota hawaasa Oromoo keessaa qooda fudhachuuf waliigalle.


  8. Qooda waldayoonni Hawaasa Oromoo roorroo diinni Oromoo irratti geessisaa jiru saaxiluu irratti kennanan dinqisiifachaa, sochiin akkanaa kun waan jabachuu fi itti fufiinsa qabaachuu qabu tahuus itti amannee nuus kanuma daran finiinsuuf gahee keenya gumaachuuf waliigalle.


  9. Qabsoon tan nu hundaa tahuu sirritti hubannee, dhimma sabaaf bakka ol'aanaa kennuun barbaachisaa tahuun itti amannee oloola walirratti oofuu balaaleefanna. Gama keenyaan haalli kun Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti gaaga'ama inni fiduus xiinxalle ilaaluun qabsoo Bilisummaa Oromoo daran jabeessuuf walii galle.


  10. Waldoonni hawaasa Oromoo hundi akka Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti qooda gehaa akka kennan waamicha godhaa, dhaabonni miseensa THBO tahan hundi miseensotaa fi deeggartootni isaanii qooda irraa akka fudhatan gaafanna.


  11. Qabsoo Oromoo keessatti qoonni manguddoonni kennan haala qindoomina qabu tokkoon akka tahuun irra jiru ammanne, manguddoonni Oromoo akka of ijaarani gahee isaani kennan waamicha goonaaf.


  12. Gocha diinaa saaxiluu fi Qabsoon Ummata Oromoo tan haqaa tahuu addunyaaf barsiisuuf hiriirri nagaa sadarkaa addunyaati bifa itti fufa qabu tokkoon akka qindaawu godhan dhaaboota THBO fi waldayoota hawaasa Oromoo hunda gaafanna. Nutis gama keenyaan qooda irraa fudhachuuf waliigalle.


Tokkummaan Humnaa!!
Oromiyaan NI Bilisoomti!



:: Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa ::

 
Copyright © 2000 - 2003 GBO/OLC
All Rights Reserved
Email: Gumii Bilisummaa Oromiyaa