| Hammeenyi Cunqursaa Wayyaanee Ummata Oromoo Harka hin Kennisiisu |
| Date: |
Bitootessa 8, 2004 |
| Source: |
Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa | |
Wayyaanonni sagantaa Ethiopia bulchuu erga lafa kaayatanii kaasanii ummata Oromoo bal’aa humnaan cuqursaa fi Oromiyaa saamaa jiraachuf akka carraaqaa jiran beekkamaa dha. Carraaqni isaanii kunis guyyaa guyyaa dhan qabsoo ummanni keenya geggeessaa jiruun abdii dhabaa waan dhufeef tarkaanfii abdii kutannaa adda addaa fudhachaa jiru. Cunqursaan hoonga hin qabne kan wayyaanonni ummata keenya kan nagaarratti geggeessaa jiran kun dhidhiitata sakaraataa waan tahef wal qabannee murannoo dhaan dhaabbannee awwaala sirna kanaa mirkaneessun barbaachisaa dha.
Mootummaan Wayyaanee mirgoota ummanni Oromoo qabsoo fi wareegama ulfaataa hammana hin jedhamneen argate if duuba deebisuu dhaan dammaqiinsa ummata Oromoo waan dhabamsiiftu itti fakkaataa jira. Akka kanaan magaalota Oromiyaa takka takkaan gara charter jijjiirtee suduudaan bulchiinsa Wayyaanee jala akka seenan taasisuu dhaan afaan ittiin hojjatamu afaan Oromoo tahun hafee kan Amaaraatti deebisuf tattaafachaa jiru. Bulchiisi Oromiyaa Finfinnee keessaa akka godaanu murtiin fudhatamte qaama sagantaa tanaa ti. Magaalonni hundi bulchiisa Wayyaanee jala yoo seenan Afaan Oromoo magaalota keessatti ittiin hojjachuun waan hafuf afaan kanaan barachuunis gatii dhaba. Kanaaf afaan barnootaatis kan Amaaratti deebi’a jechuu dha. Akka kanaan eenyummaa Oromoo haquu dhaf qophiin barbaachisu guyya guyyaan deemaa jira.
Gara biraatiin Oromoon qabsoo diddaa gabrummaa bara dheeraa itti jiru irraa moyxannoo gayaa argatee sadarkaa dammaqiinsa ol aanaa irraa gayee jira. Kanaaf diina lubbuu ilma namaatiif dantaa takkallee hin qabne murannoon dura dhaabbatee bilisummaa dhaf lubbuu ifii kennuuf qophii tahuu isaa agarsiisaa jira. Egaa kanarraa kan ka’e mootummaa Wayyaanees bulchiinsa isaa dheerefatuuf cunqursaa fi hammeenyi hoonga hin qabne irratti geggeessaa jirti.
Qubsumti jaarmayoota Oromiyaa magaalaa guddittii Finfinnee keessa akka godaanan murtii mootummaan Wayyaanee baafte mormuu dhaf Waldaya Maccaa Tuulamaa jalatti hiriiree mormii isaa nagayaan ifsachuuf ummata bahe akka bineensaatti tumuu /reebuu dhan erga dhiiga sab-boontota Oromoo dhangalaasani booda kaan hidhanii kan bakki buusan dhabame. Barattoota Oromoo Univesirty keessatti murna maqaa aadaa Oromoo agarsiisuutiin olola faaruu Wayyaanee geggeessan walin wal dura dhaabbatan sababsachuun barattoota dhibbaan lakkaawaman tumuu, hidhuu fi barnootarraa arihuudhan hiraraafama hammana hin jedhamne irraan gayaa jiran. Barattoota Oromoo mana barnootaa sadarkaa ol aanaa naannoo adda addaa keessaa tarkaanfii barattoota University irratti fudhatame kana mormuun hiriira bahan akkuma kana humnaan itti bobbahuu dhan hamma qaamni ir’atutti reebanii mana hidhaatti naqaa jiran.
Oromoota qabsoo isaaniitiif deeggarsa garsiisanii fi kan qabsoo deeggaruu mala jedhanii yaadan hidhanii bara dheeraa hidhaa keessa erga tursiisan booda miseensota ABO ti jechuu dhan mana heeraa ifiitti dhiheessanii dharaan ajeechaa itti murteessisaa jiran. Inni haga ammaa dhoksaa dhan fixaa bahan hanqatee amma ifatti dirree fi magaalota keessatti ilmaan Oromoo rasaasa fi fannoodhan ajjeesuudhan ummata keenya sodaachisuu barbaaddi.Gochaa suukanneessaa sirni shanyi bal’fattuu Afrikaa Kibbaa fi Faransaayiin Aljeeryaatti sochii Ummata duubatti deebisuuf itti dhimma bahanii fashale Wayyaaneen Oromiyaarratti haaromsuu barbaaddi.
Dhara mootummaan Wayyaanee itti jirtu dhalli Oromoo kan fudhatee cal’isu hin jiru. Hamma mormiin akkasii jirtutti Wayyaanen toftaa adda addaatin cunqursaa itti fufun shees hin hafu. Kanaaf karaan tokkichi nu baasu Oromoon bakka jiruu, keessaa fi alaa harka wal qabatnee diina ifii jiraachuf nu balleessuu kaayyoo godhatee ka’e kana ifirraa kaasuf murannee tokkummaa dhaan sochii keenya akka finiinsinu waamicha goona.
Ilmaan Oromoo diina dura dhaabbatanii mormii saanii dhageessisaa jiranii fi badii malee mana hidhaatti guuraman bira dhaabachuun dirqama sabummaa ti. Kanaaf ilmaan Oromoo alaa fi keessan dirqama kana of irraa buusuuf sochii isanaii dachaa dachaa akka godhan gaafatna. Tokkummaan Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO) toftaa qabsoo jaarmayoota Oromoo walitti qindeessee humna cimaa galii isaa dafee gayu godhuuf dirqama isarraa eegamu bahuuf tattaafataa jira. Imaammanni kun akka fiixa bahuf ummanni Oromoo bakka jiru maraa harka wal qabatee gantoota diinaf hojjatan kan qabsoo tana galii hanqisuuf carraaqan saaxilee waan irraa eegamu kan dandayu maraan akka bira dhaabbatu yaamicha dhiheessinaaf.
Tokkummaan Humna!
Oromiyaan ni Bilisoomti!
|
:: Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa ::
| | |
| |