| News - Articles|


  Murtii Kora Jiloota

Murtii Kora Jiloota: Gumii Adda Bilisummaa Ummata Oromiyaa (GABUO)
Date:   Posed on Dec 3, 2006
Source:   OLC
Nuti jilootni jaarmayoota Adda Bilisummaa Ummata Oromiyaa (OPLF) fii Gumii Bilisummaa Oromiyaa (GBO) murtiilee Tokkummaan Humnoota Bilisummaa Oromiyaa dabarsite irratti hundaawuun yeroo dheertuuf walitti dhaabnee eega marihanne boodaan qabeenya, dandeeytii fii muuyxannoo qabsoo bara dheeraatiin horre bakka tokkotti deebisnee, jaarmaya tokko, caasaa tokko, sagantaa siyaasaa tii fii hoggana tokko jalatti hiriirree, qabsoo bilisummaa Oromiyaa fuul-dura tarkaanfachiisuuf murtii irra geenye.

Murtii tana hujiirra oolchuuf, Sadaasaa 22 – 24, 2006, kora seena-qabeeysa tahe kan jilootni dhaaboota lameenii irratti argaman geggeeyfanne. Sadaasa 24, 2006 irraa jalqabee dhaabootin keenya lameen walitti baquun, dhaabni keenya Gumii Adda Bilisummaa Ummata Oromiyaa tahee akka moggaafamu murteeyfanne.

Kora seena-qabeeysa tahe kana irratti, haala sabni keenyaa fii qabsoon bilisummaa Oromiyaa keeysa jirtu, miidhaa fii roorroo, tareetiis dhiitamiinsa mirga namoomaa kan mootummaan Ethiopiyaa ummata keenya rraan gayaa jirtu, haala ummatootaa fii biyyoota olla Oromiyaa, adeemsa mootummoota addunyaa, imaammata fuulduraa, tarsimoo jaarmayni keenya (GABUOn) fii jaarmayoonni Oromoo kan bilisummaa Oromiyaatiif falmaa jiran waliin hordofuu dandayan mara irratti eega marihanne boodaan, hamilee cimtuu fii milkiin xumurachuu keenya gammachuun labsina.

Kanuma waliiniis qabxiilee hedduu irratti marihanne keessaa, garii asiin gaditti maxxansine.

QABSOO BILISUMMAA OROMIYAA

Ummanni Oromiyaa akkuma kaleeysaa, arraas gabrummaa koloni (guntummaa) harka alagaa jalatti araraafamaa jira. Kaleeysa Nafxanyaa Amaaraa jalatti gabroomee, arraa ammoo Nafaxanya Tigree jalatti biyyuma ifii keeysatti gabrummaadhaan bulaa jira. Diinni Habashaa biyyoota biraatirraa garagaarsa meeshaa waraanaa, kan siyaasaatii fii kan qabeenyaa arkateen ummata keenyarratti duuluudhani biyya teenya, Oromiyaa, harkatti galfatee koloneeyse (gunteeffate.) Garuu ummatni keenyaa gabrummaa tana yeroon callisee simate hinjiru. Ummanni Oromiyaa eega kiyyoo gabrummaa jalatti galee kaasee haga arratti, yoroo garii dirretti, yeroo biraa immoo lafa jalaan fincilaati arra geye. Sochiin ummanni keenya bara dheeraaf deemsise kuni bu-aalee hedduu galmeeysee jira. Bara afurtamman dabran kanatti, ummanni keenya jaarmayoota bilisummaadhaaf qabsaawan jaarratee haga arraa carraaquun kuniis bu-aa qabsoon fidde keeysatti lakkaawama. Jaaramayoonni Oromoo qabeenya Oromoiyaati. Qabeenyi keenya kuni garuu amma dura mata-mataan sossoohaa jiraatanillee, sochii isaanii qindeeysuuf tattaafachuun dhiheenyuma kana tahe. Qindoomina kana raggaasisuuf bara 2000 keeysa jaarmayoonni Oromiyaa dhaaba Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa jaarratanii turan. Dhaabni kun waldhabbii yeroo dheeraa sablisullee akka irraa eeggametti karoora baafachuu bira dabree sochii qindooyte gaggeeysuu hindendeenye. Tahullee, hafuura tokkummaa, abdii fii hamilee ummata keenyaa olkaasee jira. Abdii ummanni keenya qabu san hojitti hiikuufii, qabenya, dandeytii, humnaa fii muuyxannoo qabsoo bara dheeraatiin horre bakka tokkotti jaarree shira diinaa fashalsuufii, tokkummaa bara san karoorfamteefis humna kennuuf nicarraaqna. THBO gabbisuufii abdii ummata keenyaa magarsuuf wa-ada galla.

JAARMAYOOTA OROMOOTII FII THBO

Ummanni Oromiyaa gaafa Habashni gargaarsa biyyoota alagaa irraa argatetti dhimma bahuun, humna qawweetiin Oromiyaa qabaterraa haga arraa qabsotti jira. Habashoonni Amhaaraa-Tigraay ummata keenyarra jaboo yokiin qaroo wan tahaniifii miti kan ummata keenya gabrummaa jala galchaniif. Yeroo dura biyya teeya qabachuuf nu weeyraran sanitti, ummanni keenya qindoomina jaaramayaa, meshaa lolaa gahaa waan hin qabaatiniif tara takka Wallo cabsanii, yeroo biraa Shawaa kuffisani yeroo biraatiis Arsii, hoggaa kaaniis Harar fii lafa Oromiyaa kan biraatiis wal faana cabsanii if jalatti galchan. Ummanni Oromiyaa bakka hundattuu qindoominaa fii meeshaa ammayyaa if harkaa dhabullee, gabrummaa Habashaa ifirraa ittisuuf fincila eeboo, yeroo waa argatees fincilaa qawwee kaasee diinnan isaa mancaasuudhaan seenaa boonsaa addaan hincinnee galmeeysee jira. Akkuma yeroon dabraa dhuftuuniis, ummanni Oromiyaa diina humna qawweetiin biyya isaa qabatee, kabajaa isaa mulqee, qabeenya isaa saamee, dimokraasii isaa sarbe kana ifirraa mancaasuufi jaaramuu jalqabe. Jaaramiinsi kuniis bakka garagaraattiifii qindoominni irraa hanqachuun waan haga arraatti mullataati. Qabsoo haga arraa godhamteen milkiin hedduun galmeeyfamtee jirti. Milkiilee hagaa arraa galmeeyfaman eeggachaa, haga Oromiyaan bilisaa tatee bakkatti deebitutti, qabsoo itti fufuudhaan qabsaawuun galii qabsoo tanaati. Qabsoon tuni galma isii, kan bilisummaa guutuu gayuudhafis haala asiin duraarraa baranne gara fuula duraa tarkaanfachiisuun gaaffii balbaltuu arraati.

Qabsoon bilisummaa Oromiyaa fuul-dura tarkaanfatuuf humna qabeenya, dendeeytii fii muuyxannoo ilmaan Oromoo bakka tokkottii luuccaawee diinarratti xiyyeeffamuu qaba. Tokkummaa qabsoo bilisumma kan akkanaa dhabuun, waani diinnan keenya humna nurra qabaniifii waani Oromoon humna hinqabne fakkeeysanii jiran. Oromoon humna, qabeenya, beekkomsaafii murannoos niqaba. Qabeenyi Oromoo kuni garuu qindoominaafii tokkummaa qabaatee gara humna amansiisaa tahetti ol hinguddanne. Haala kana jijjiiranii qabsoo bilisummaa Oromiyaa finiinsanii diinnan keenya Habasha, kan arra qarreerra gahan kana hallayyaa qilee mayyiitti gadi kombolchuuf Oromoon humna isaa tokkoomsuu qaba. Jijjiirama akkanaa kana fiduufiis jaarmayoota Oromiyaa jiddutti wal-amantiin, tokkummaaniifii fii jaallummaa jaaruun hojii nurraa eeggamtu tahuu daran, dirqama seenaan nurra keeyse tahuu hubannee, gara GABUOtiin wareegama barbaachisu mara baadhachuuf murteeyfannee jirra. Tarkaanfiilee nurraa eeggaman keeysaa takka fudhannee ammaaf jaaramayoota lama tokkoomsinee jirra. Jaarmayoota Oromoo kanneen biraa, kanneen tokkummaa akka GABUO kana jaarratuuf carraaqaniif tinnisa nurraa eeggamuu daangaa takkaan maletti nikennina. Hunda caalaa ammoo jaarmayni ULFO akkuma dhaaba tokkicha kan siyaasaa takka, waraana tokko, diplomaasii takkittitti fii hoggana tokkicha jalatti qabsoo bilisummaa Oromiyaa gara fuula duraa furgugaasuu akka tahuuf haalduree tokkoon maletti sadarkaa fiinxeetti nicarraaqna. Akeeka THBO (ULFO) hojiirra oolchuuf tarkaanfiilee nurraa eeggamman hunda fudhachuuf murannoo GABUO basaqqeeysatti labsina.

MOOTUMMAA TIGREE

Sirni gabrummaa Amhaaraa-Tigray eega biyya teenyarra bargaafatee bubbulee jira. Sirni kuni kan mootii Tigree, Yohannisiin eeybifamee, Minilikiin habaqaalamee, Haylasillaaseen biqilee, Mangistuun dagaagee, achiin booda tortoraa dhufullee Mallasadhaan suphamee jiru tahuun, firaafii alagaa birattillee mirkanawaadhaa. Gabaabatti mootummaan arra sirna Amhaaraa Tigree biyya teenya Oromiyaa gubbatti lubbuu eewalaa jirtu tuniis akkuma mootummoota Habashaa kanneen isii dura dabraniitti humnaan ummata keenya ukkamsitee, cunqursitee, qabeeyaafii humna isaa saamuuf Oromiyaa keeysa jirti. Mootummaan isiin biyya teenyarra diriirsitees mootummaa gabroomfataati. Sirni ummanni keenya jalatti dararamaa jiruus sirna koloneefattuuti. Oromiyaan bilisoomuuf sirni koloniyaaisim kuni biyya teenyarraa buqqauu qaba. Maqaa dimokraasii jettee lallabaa ooltuus, sirni isiin tarkaanfachiisaa jirtu, sirna saaminsaa, kan ummata keenya hiyyoomsu, sirna cunqurasaa kan ummata keenya miidhu, sirna ukkaamsoo kan ummata keenyarraa mirga dimokraasii mulqu, gabaabumatti sirna koloniyaalism. Koloniyaalism hindimokraatoomu. Yeroo tokkotti, bakka takkatti dimokraasiifii koloniyaaliism waliin hinjiraatan. Haga afaan humna qaweetiin biyya teenya qabattee, ummata Oromiyaa mirga hiree ofii ofiin murteeyfachuu dhoorkitee, fedhii isaatiin alatti daangaa mana hidhaa kan Ethiyoopiyaa jedhamu keeysatti qabdee teeysuunitti dimokraasiin jiraachuu hindandayu. Dimokraasiin inni duraa koloniyaalism biyya teenyarraa buqqaee, ummanni Oromiyaa hiree isaa ifiin murteeyfachuudha. Haga ummanni keenya mirga isaa kan uumaadhaan qabaachuun malu kana deebifatutti, qabsoo bilisummaa itti fufuuf murteeyfannee jirra.

QABEENYA OROMIYAA

Mootummaan Tigree ummata Oromiyaa humnaan, shiraafii tooftaalee dirree fii dhokataa tahanitti dhimma baatee qabeenya ummata Oromiyaa ifiif saammattee, alagoota biraatiis saamsisaa jirti. Maqaa “investment” jedhun Oromoo naanno magaaloota gurguddaa qubatu lafa isaarraa buqqiftee alagaaf hiruudhaan ummata keenya hiyyoomsitee jiruu gabrummaa irratti dheereefachaa jirti. Oromoo naannoo Finfenneefii lafa misooma diinagdeetiif tolturra jiraatan, lafa isaaniitirraa buqqifamaa jiran. Lafa naannoolee Finfinnee kan ummatni Oromoo humna mootummaa Tigreetiin irraa buqqifamaa jiru kana, misooma ijaarsa manaa, misooma oomisha ilillii (abaaboo) k.k.f jachaadhaan, lafa Oromoorraa saamamte kana, alagaadhaaf ballinaan hiruuniis kanumarraa kan kaee tahuu isaati. Oromo waaxiqqo qabeenya horuu jalqabees, maqaa itti baasanii mana hidhaatti eega galchan booda, qabenya Oromtichi dafka isaatiin hore saamuudhaan Oromoo hiyyoomsaa jiran. Oromoon qabeenya isaa nagayaan gurguratee akka dhimma itti hin-baanee gochuuf kashlabbiilee hidhachiisanii irratti bobbaasuun, dallaya “Keellaa” jedhamu biyya keessatti jaaruudhaan, Oromoon biyyuma ifii keeysatti, guyyaa aaraa, humna mootummaan qawwee hidhachiiftee ummata keenyarratti bobbaaftee tanaan saamamaa jira. Sirni akkanaa kuni sirna diinaati. Sirna diinummaa mootummaa Tigree kan ummata keenya saamee hiyyoomsuuf diriirfame kana mataa-mancetti nibalaaleeyfanna, dura dhaabbannaas. Ummtni Oromiyaatiis, lafaa fii qabeenya isaa diinarraa dhoorkachuuf harka tokko tahee, karaa mijjaaweef hundaan karoora balaawaa mootummaa Tigree kana fashalsuufii duraas akka dhaabbatu GABUOn nidhaama.

Mootummaan Tigree tuni, investaroota alagaarraa gunaa guurrattee maqaa investmentiitiin albuudhaaleen Oromiyaa akka qullatutti danta-dhabeenyaan saamsisaa jirti. Oromiyaa saamuu fii saamsisuu daran, waan biyti teenya uumaadhaan qabdu hunda balleeysaa qilleensaafii naannawa Gaafa Afrikaa hundallee balleeysaa jirti. Haala mootummaan tuni danta-dhabeenyaan, qabeenya Oromiyaa gaaga-eessaa jirtu kana GABUOn cimsee balaaleeyfata.

HAALA NAANNAWAA TII FII DHUKKUBOOTA DADDABROO

Danta dhabeenya mootummaa alagaa Tigraayirraa kan kaeen, haalli qilleensa naannoo biyya teenyaa akka hamatti badaa jira. Investaroonni sagantaa misooma jedhamuun lafa bishaanii goggoysaa, lafa mukkeen bosonaa qabdu mukkeen irraa ciraa, bishaan laggeeniitii fii kanneen lafa jalaalleen akka jalaa hinbaanetti xurii faabrikaaleetiin summeeysuudhaan dhalootni fuula duraa, beelaafii dhukkuboota hamadhaaf saaxilamanii jiran. Kuni yaada “eegaan ani duee sarduun hibiqilinii” sani. Ummatni keenya gocha ilmaa ilmootti fuuldura ummatoota Gaafa Afrikaa hudaa dukkaneeysuu dandayu kana yeroodhaan hubatee akka dura dhaabbatu akeekuuf barbaanna.

Arra ilmaan Oromiyaa dhukkuboota daddabroo akka HIV-AIDS, busee, TB fii koleeraatiin lafarraa haxaawamaa jira. Dhukkuboota akkanaa kana dammaqiinsaafii barnoota xiqqaadhaan akka hinbabalranne godhuun nidandayama. Haatahu malee, hojiileen barnoota akkanaa kennuu kan mootummaati. Barnoota fayyaa ummataa (Public health education) biyya hundattuu kan ballinaan ummata ofiitiif kennu mootummaadha. Ummatni Oromiyaa garuu mootummaa ifii waan hin qabneefii, mootummaa alagaa tan isaanirraa dantaa hinqabne jalatti gabrummadhaan waan bulaa jiruuf, ayyaana barnoota kanaa hinarkanne. Hala kana keeysatti ilmaan Oromoo kanneen ayyaana barnoota fayyaa ummataa arkatan hundi bakka jiran maratti ummata isaaniitiif gorsa barbaachisu kennuudhaan gaafatamummaa lammii isaanii akka raawwatan yaaminsa Oromummaati goonaaf.

Jaarmayootni mootumma maleeyyii, hawaasni addunyaatiifii mootummoonni arra hiree diinaggeey qabaachuu arkatan hundi haala fokkotaa lakkooysa ilmaan Oromiyaa sablisuuf, Oromoo lubbuudhaan jirtuus laamisheeysuuf xiyyeeffate kanarraa dandamachiisuuf dirmachuu isaanirraa eeggamtuun akka bobbahan yaaminsa goonaaf.

HAALA UMMATOOTAA FII BIYYOOTA OLLAA KEEYSA JIRU.

Ummanni Oromiyaa olloota isaa kan daangaa Itoophiyaa keeysatti waliin gabroomee jiruus haatahu, ummata biraa kanneen daangaa ala jiran kannee akka Keeniyaa fii Soomaliyaa waliin hariiroo obbolummaa fii firummaa cimtuu qaba. Mootummaan Itoopiyaa garuu Oromoofii ollaalee isaa jiddutti xifaa uumuuf yeroo tattaafatu ni agarra. Dubbii xifaa kan mootummaan koloniyaalistii Ethiopiyaa ummatoota cunqurfamoo Oromoo fii olloota isaa walitti buusuuf tattaafattu kana nibalaaleeyfanna. Ummanni Oromiyaatiifii ollaaleen isaa garuu daba mootummaan alagaa isaanirratti ooftu kana ifirraa beekanii, yoo walbaddeen dhufte akkuma durattii aadaadhaan manguddoon yaamamtee waljidduttii laalanii akka fixatan yaadachiifna.

Ummanni cunqurfamoon ollaalee Oromiyaa qubatu hundi hiree akka Oromoon qabduuti qaban. Akkuma Oromootti humna koloniyaalistoota Habashaatiin fii humna qawweetiin biyti isaanii qabamtee gabrumaa takkitti jalatti waliin araraafamaa jiran. Akkuma Oromiyaatti, gabrummaa irra jirtu tana ifirraa buqqisuu barbaadan. Gaafa Oromiyaan bilisa turte isaaniis bilisa turan. Arra waliin gabroomanii jiran. Boru waliin bilisoomuufiis, waliif tumsanii waliin bilisoomuun barbaachisaadha. Kanumaafuu, umrii gabrummaa koloniyaalism tan waliin nurra jirtu tana gabaabsuuf, waliif tumsinee, qabsoo teenya qindoomsinee akka waliin kaanu yaaminsa obblummaafii ollummaa goona.

Mootummaan Itoophiyaa yeroo lakkooysa hinqabne daangaa harkaa qabdu cabsitee biyyoota olla seentee qawweedhaan jeequmsa uumaa jirti. Arraa Soomaliyaa keeysaa wanni godhaa jirtu, kaleesa Keeniyaa keesatti wanti gooteefi ammalle wanti gootuus kanuma. Biyyoonni olla wanni beekuu qabu ammo biyya olla keeysa harka naqachaa tan jirtu mootummaa gabroomfattuu Habashaati malee Ummta Oromiyaatii miti. Gocha biyya alagaa keeysa harka kaayuu kana nibalaaleeyfanna.

UMMATOOTAAFII JAARMAYOOTA NAGAYAAFII BILISUMMAA JAALATUUF

Qabsoon bilisummaa Oromiyaa qabsoo haqaati. Bilisummaa teenya barbaanna malee, mirga ummata biraa mulquufii miti. Ummatni lakkooysaan guddaa tahe, kan Oromiyaa kuni handhura biyyoota Gaafa Afrikaa hundaati. Ummanni Oromiya kan lakkooysaan miliyoona 40 caalu kuni gabrummaa Habashaa jala osoo jiruu nagayni Gaafa Afrikaa keeysa nijiraata jechuun gawwummaadha. Kana caalaas, qabeenyi arra mootummaan Habashaa itti badhaatu, kani qawween itti bitattee ummatoota Gaafa Afrikaa hundaan doorsisaa jirtu kuni irra caalaan kan Oromiyaati. Kanaafuu, Gaafa Afrikaa keeysatti nagaya waaraa argamsiisuufii, ummatoonni nannoo tana qubatan hundi nagayaan hojjatee, ballinaan oomishee akka if dandayu gargaaruuf ummanni Oromiyaa bilisoomuun murteeysaadha. Kanaa fii kan biraa hedduufillee qabsoo bilisummaa Oromiyaa akka deeggartan isinitti iyyanna.

DHAAMSAAFII YAAMINSA ILMAAN OROMIYAATIIF

Yaa ilmaan Oromiyaa:

Sirna gabrummaa kani akaakooleen isaanii nurra bargaafachisan, ilmaan isaanii arra ifumaaf nurraa kaasanii, dimokraasii nuf labsuuf deeman jennee eeggachuun garraamummaadha. Habashoonni nuyaabbatanii nurraan angoorra dhaquuf, kan amma angoorra jiruus, humnaafii qabeenya keenyaan angoorra turuuf wixxifatan malee fedhii Oromiyaa nuuf guutuufii miti.

Bilisummaa tee deebifachuuf kan qabsaawu suma. Kanaafuu ka-ii qabsoo tee tan arra haalaa jaarameen gaggeeyfamaa jirtutti ida-amii, qabsoon bilisummaa finiinsi. Jaarmayoonni Oromiyaa tokkoomanii humnaan wayyooftee fii abdachiiftuu taateen diinarratti akka bobbahaniif wareegama sirraa eegganmu baasi.


Tokkummaan Humna!
Oromiyaan Ni Bilisoomti!
Sadaasa 24, 2006
Kora jiloota Gumii Adda Bilisummaa Ummata Oromiyaa (GABUO)




:: The Oromo Liberation Council (OLC) ::

 
Copyright © 2000 - 2003 GBO/OLC
All Rights Reserved
Email: Gumii Bilisummaa Oromiyaa