Golli Hoogganoota THBO, walgahii isaa kan 2ffaa Guraandhala 15-22, 2001 deemisfateera. Walgahiin kun sochii THBO ji'oota afuran dabranii fi haala qabatamaa yeroo irratti bal'inaan dubbatee hojii THBO kan gara fuulduraa fi dhimmoota gara garaa irratti murtiilee dabarsuun xumuurameera.
Murtii GH-THBO isa 1ffaan dabarse irratti hundeeffamuun Ji'ootni afuran dabran akeeka THBO irratti ijaarame barsiisuu irratti kan fuulefate ture. Sagantaa kana milkeessuuf Sochiin godhame kan nama jajjabeessu. Deeggarsi miseensootni jaarmayoota miseensa THBO ta'anii, fi ummatni Oromoo ijaaramuu THBOf kennan guddaa dha. GH-THBO haala yeroo kana keessa mul'ate irraa ka'ee:
"Waliigaltee Oromoo 2000" miseensoota, miseensoota jaarmayoota THBO ta'aniin fi ummata bal'aan caalaatti akka hubatamu gochuuf carraaqni jalqabame sadarkaa hundaatti akka cimee ittifufu,
Caasaan THBOs, haala THBOn irra jiruun akka walgitutti karaa siyaasaa, waraanaa, fi diinaggee, akka diriiruu fi sochiin godhamu bifa sirnaawee akka geggeeffamu,
Jaarmayoota miseensoota THBO ta'an gidduu wal'amantaan akka hin argamne taasisuun bakka duraaniitti nu deebisuuf yaalii diinaa fi farreen tokkummaa keenyaa godhuu malan fashalsuuf miseensotaa fi deeggertootni eeggannoo feesisu akka godhan fi tarkaanfiin qindaawe akka fudhatamu, murteesseera.
Mootummaan TPLF erga aangoo dhuunfatee jalqabee saba Oromoo jilbeenfachiisee akeeka isaa fudhachiisuuf tattaaffii hin godhin hin qabu. "Mirga keessan arggattan" jedhee sossobuuf yaalee hojjetuu didinaan. imaammata haccuuccaa hordofuu filate. Akkanaanis, Oromoota hedduu dhoksaa fi ifaan ajjeesuu, hidhuu, diinaggee saamuun hiyyoomsuu, tajaajila fayyaa dhabaan dhukkuboota daddabraan dhumaatiif akka saaxilaman taasisuu fi ta'e jedhee uumaa naannoo barbadeessuu sagantaa godhatee itti bobba'e.
Imaammatni hacuuccaa Wayyaanee Saba Oromoo addatti aggammii taasifate kun miidhamaa fi dararamni geesisee fi geesisaa jiru salphaa miti. Haa ta'u malee hacuuccaaleen kanneen ummatni keenya qabsoo irraa akka of duuba deebi'u hin taasifne. Faallaa fedhii Wayyaanee falmaa bilisummaa isaaf godhu alaa fi keessanis akka ittifufu taasise.
Akkanaanis, sochiin ummata keenyaa hojjettootni, qottootni, barattootni, hayyootni, dargaggoonni, fi dubartootni Oromoo, imaammata Wayyaanee mormuun diddaa agarsiisaa jiraniin of mul'isaa jira. Bosonni Oromiyaa beekaa gubamu fi Magaalaan guddittiin keenya Finfinneen Adaamaatti jijjiiramuu irrattii tarkaanfiin akka sabaatti murnni hawaasa keenyaa gara garaa fudhatan kanaaf ragaa guddaa taha. Haalli kun qabsoon ummata Oromoo boqqonnaa haaraa seenuu akeekuu caalaa, hacuuccaan kamuu falmaa bilisummaa isaaf jalqabe irraa kan isa hin deebifne mirkansa..
GH-THBO Ummatni keenya dhiibbaa diinaan irra gahu osoo hin sodaatin tarkaanfii mirga isaa kabajisiiffachuuf muratnoon fudhataa jiruuf kabajaa qabu ibsaa " Jabaadha ! Falmaa keessan itti fufaa !, Bilisummaan keenya qabsoof wareegama keenya qofaan dhufaa! Qabsaawootni Ilmaan keessanis isin waliin jiru !" jedha.
Kanumaa waliin sochiin kun akka milkaawu : Miseensootni THBOs karaa hidhannootii fi siyaasaatiin sochiin ummata keessatti godhaa jiran bifa qindaawee fi wal-utubee deemuun akka jabaatu tarkaanfiin gamtaa akka fudhatamu,
Kaka'iinsa ummataa kana dhaamsuuf hameenya Wayyaaneen lammoota keenya irratti deemsisaa jiru hawaasa addunyaa barsiisuu fi ibsuu irratti tattaaffii miseensotni THBO adda-addatti godhaa jiran caalatti humneessuuf tarkaanfiin gamtaa akka fudhatamu fi hojii propagandaa akka jabaatu ,
Sochii isaa yeroo dhihoo dabran irraa akka mul'atetti dirmachuu ummatni keenya waliif godhe akka jabaatuu fi ittifufu gochuuf jaarmayootni miseensoota THBO ta'an tarkaanfii malu akka fudhatan murteesse.
Impaayera Itoophiyaa keessatti ummatootni gara garaa akeeka gara-garaa qabatanii akkuma Ummata Oromoo falmaatti jiraachuun ifaa dha. Ummatootni kun sababaa garaa garaa fi galii maayyii gara graraa qabaatanis yoo xiqqaate hacuccaa fi saamicha gita bulchiinsa Tigrayiin durfamuu diduu irratti akeekaa yeroo walfakkaata qaban. Sirnni bulchiinsa Abbaa Irree Wayyaanee kufee arguun hawwii hunda isaanii akka ta'e haalli qabatamaa jiru ni akeeka. Akkanaanis THBOn Sochii Sabootaa fi Ummatoota Cunqurfamoo Itoophiyaa irratti ejjennaa isaa Waliigaltee Oromoo 2000 irratti ibsame " Humnoota mirkanaawuu mirga Hiree murteeffannaa ummatootaa , kabajamu mirga dimokrasasii , fi mirga namoomaf dhaabbata hunda ni deeggara.Qabsoo irratti waliif tumsuu irrattis ni hojjata" jedhu irra deebi'ee mirkaneessa.
Oromootni miseensoota jaarmayaa siyaasaa Wayyaaneen ijaarame keessa fi dhaabbatoota mootummichaa: waraanaa fi dhaabbattoota civil adda addaa keessatti hojjetaa jiran hedduu ta'uun ifaa. Miseensootni saba Oromoo kun akka fedhanitti of ilaalani illee yeroo ammaa mootummaa jiru biratti Oromummaa isaaniitiin shakkamoo dha. Dirqamni barbaadamaniif yeroo dhumutti carraan isaanii xiqqeefamuu, hojii arihamuu, maqaa adda addaan yakkamuu fi warra mootummaa aangoo irra jiruun mormaa jiraniin akka tokkotti ilaalamuu dha. GH-THBO Ilmaan Saba Oromoo yeroo kam iyyuu caalaa har'a dhugaa kana hubatuu qaban jedhee amana. Kanaaf, sirnna saba Oromo akka sabaattuu dhabamsiisuu murate kanaaf meeshaa ta'uu diduun karaa isaaniif danda'ame hundaan qabsoo bilisummaaf akka hiriiran waamicha dabarsa.
Naannoon Gaanfa Afrikaa naannoo balaan lolaa lubbuu namoota kumatamootaan lakkawaman galafate keessatti deemaa turee fi jiru. Naannoo lolaafi beelli mallattoo ittiin beekamu ta'e yoo jedhames dhugaa irraa fagoo hin ta'u. Haala gaddisiisa kanaaf sababoota jiran hedduu keessaa guddaan Imaammata babal'fatnoo mootummootni Itoophiyaa waldura-duuba ka'an hordofan ta'uu seenaan ragaa baha. Imaammatni babal'ifatnoo kun sirna Impaayerummaa Itoophiyaa tiksuu fi naannichatti aangawaa ta'uuf kan ta'e jedhamee oofamu ta'uunis dhoksaa miti. Imaammatni Minilkiin gad dhaabbate dhalmayaan dabra dhufe hara'as Wayyaaneen ittifufee naannoon keenya jeequmsaa fi lola gaaga'aa ta'e keessa akka jiraatu godheera. Dhugaa kana irratti hundeeffamuun THBO imaammata weerartummaa mootummaan Itoophiyaa biyyoota olla irratti hordofu ni balaalefata.
Lolli Ertirea fi Itoophiyaa gidduu waggaa lamaan dabraniif lubbuu fi qabeenya guddaa galaafate waliigaltee Aljeersitti ta'een dhabbatuu isaa THBO ni deggera. Haata'u malee, nagaa waaraa ummatoota biyyoota lamaniif fi naannoo keenyatti argamsiisuun furmaata hundee eeggata. Sababaa hundee lola kanaa kan ta'e sirni impaayerummaa Itophiyaa lolaan ijaarame, fi lola malee hin jiraatne jijjiiramu qaba jedha THBOn.
THBOn, Mootummaa Cehuumsaa Soomaliyaa keessatti ijaarame ni deggara. Giddu-seensa mootummaan Wayyanee Soomaliyaa keessatti gochaa jirus jabeesse balaallefata. Hawaasni addunyaas gochaa Wayyaanee kana akka balaalefatu gaafata. Dabalees, araarri hunda haammataa ta'e argamee, carraaqa obbollewwan keenya Soomaliyaa, fi hawaasni addunyaa itti jiran akka milkaawu hawwii saba Oromoo ta'u ibsa. Tattaaffii Soomaliyaatti nagaa fi sabatiinsa fiduuf godhamaa jiru keessatti sabni Oromoo ummata Soomaliyaa kan hidhata seenaa waliin qabu cinaa kan dhaabbatu ta'uus mirkaneesa.
Keniyaan biyyoota naannoo weerara Wayyaaneef aggaammii taate keessaa tokko. Mootummaan bulchiinsa Wayyaanee daangaa biyya walaba taate kana yeroo adda addaatti cehuudhaan lubbuu lammoota keeniyaa hedduu galaafateera. Qabeenya guddaas balleesseera. Ammas tarkaanfii kana ittifufaa jira. Gochaa chaartara OAU fi UN mormu kan Gooltummaa kana THBOn ni balaalefata.
GH-THBO, jijjiirraan bu'uuraa argamee ,sirni akeekni isaa nagaan waliin jiraachuu, ollummaa gaarii, walqixxummaa, guddinaaf walii-wajjiin hojjetuu irratti hundeeffame akka argamu qabsoo itti jirru jabinaan kan itti fufnu ta'uu mirkaneesa.
GH-THBOn, Hawaasi Addunyaa imaammata faashistummaa Wayyaaneetiin balaa ummata Oromoo fi ummatoota biraa irraan gahaa jiru cal'isanii ilaaluun hin ta'u jedha. Mootummaan Wayyaanee Mootummaa ta'e jedhee uumaa naannoo Oromiyaa balleessuun Saba Oromoo balaa guddaaf qopheessaa jiru dha. Mirga namoomaa sodaa tokko maletti dhiituun lammoota Oromoo fi kan ummatoota biraas hidhaan dararaa fi akka biyyaa baqataniif sababaa ta'uu isaa jaarmayootni tikfamuu mirga namoomaaf dhaabbatan ragaa itti bahani. Dabrees, Lola barbaachisaa hin ta'ane qabsiisuun gaagga'ama lubuu fi qabeenyaa guddaa geesisuun farra nagaa ta'uun saaxilame. Idilummaatti mootummaa farra dimookraasii, farra mirga namoomaa fi abbaa irree, yakka lolaan gaafatamu male dha. Waanta'eefis, mootummaa akkasiif tumsa siyaasaa , mooraalaa fi maateriyaala kennuun gocha isaatti akka"ittifufu"" gargaaruu waan ta'uuf warri dhimmi kun ilaalu hariiroo mootummaa wayyaanee waliin qaban irratti imaammata isaani deebi'anii ilaaluun akka irraa dhaabbatan jabeesee gaafata.
Karaa biraatiin, Sabni Oromoo kan qabsaawuuf mirga isaa uumaa fi seeraa kan hiree ofii ofiin murteeffachuu fi nagaa biyya isaa irratti dhabe deeffachuufi. Nagaa booressuuf, ykn mirga ummatoota biraa tuquu akeeka godhatee hin kaane. Sibla kaasuuf kan dirqameefis filmaatni biraa waan hin jirreefi malee balaa lolli qabu wallaalee miti. GH-THBO humnoonni nagaa, dimokraasii fi kabajamuu mirgoota ummatootaaf dhaabbatan dhugaa kana hubatanii qabsoo ummatni Oromoo milliyoona sodoma ta'e deemisaa jiru deggeruun naannoo keenya irratti nagaa waaraa argamsiisuuf qooda isaanii akka gumaachan gaafata.
Maayyii irratti GH-THBO gurmuu saba Oromoo fi
qabsaawoota Oromoo jabeessuuf waliigalteen Jaarmayoota
Oromoo bilisummaaf qabsaawaa jiranii kan Waliigaltee
Oromoo 2000 irratti tumame akka bakka gahu muratnoon
kan hojjetu ta'uu mirkaneessa.
Tokkummaan Humna!
Oromiyaan Ni Bilisoomti!
Guraandhala 26, 2001
ULFO