|
Heera Gabatee Marihannoo Gumii (OLC Discussion Board regulations)
|
|
>> >>
English version
KAYOO GABATEE MARIHANNOO GUMII (OLC-DISCUSSION BOARD): Humna, oguma, qabeenya fi yeroo keenya walitti gurmeessinee qindoominaan akkaataa qabsaawuu dandeenyu irratti marihannoo buaa kennu demsisuu dha. Qalbii qulquluudhaan mariyacchaa, aadaa keenya jabeessaa, harka wal-qabannee waligaltee fi walhubannoo keenya cimsinee, yaada bilchaataa umuudhaan qabsoo saba keenyaa fiixaan baasuu keessatti qooda nurraa barbaadamu gumaachuun ittigaafatama miseensa gabatee marihannoo kanaati. Kanaafuu, marihannoon tilmaamame kun akka milkaawuuf seera Gabatee Marihannoo Gumii kanneen armaan gaditti tarreeffaman hojii irra oolchuun dirqama miseensa hundaat!
- Oromootni Gabatee marihannoo Gumii keessatti miseensomuuf fedhii qaban maqaa dhugaa fi teessoo dhugaa kennuudhaan koroboo gabatee marihannoo Gumii irratti ofgalmeessuu dandahu(self register and immediately gets reply that his/her application is received); Gaafiin miseensummaa (application) akka fudhatama maayii argatuuf Oromoon korobo miseensummaa Gabatee Marihannoo Gumii guute sun Oromoo isa beeku tokko maqaa dhugaa fi teessoo(email) isaa wajjin kennuutu irraa barbaadama. Gaggeessituun Gabatee Marihannoo Gumii erga gaafii miseensumma (application for OLC Discussion Board) hubattee ilaaltee booda deebii fudhatamaa miseensumma (conformation) karaa teessoo kenname sanaa ergitiif;
- Marihannoon Gabatee Marihannoo Gumii irratti gageeffamu afaan Oromoo fi afaan Ingliziitiin taha;
- Mata dure (topic) irratti haasawamu/mariyatamu Gaggeessituu Gabatee Marihannoo Gumii (OLC Discussion Board Management) yeroo-yeroon dhimma barbbaachisu hubatee akka irratti marihannoon godhamuuf lafa kaawa;
- Safuu eeguun dirqama.
- Mata duree (topic) irratti haasawamuu ala deemuun dhoowwaa dha.
- Maqaa walyakkuu/walxuressuu, walxinneesuu fi olola walirratti baasuun laguu dha.
- Waan qabatamaa(dhugaa) hin taane Gabatee Marihanno Gumii irratti hin dhiyeeffamu.
- Garaagarummaa yaada irratti obsa waliif qabaachuun miseensoota Gabatee marihannoo hunda irraa eegama; Yaada dhiheesseef ittigaafatamaan abbaa yaadaa dhihaate sanaati. Hatahu male, faallaa akeeka qabsoo bilisummaa Oromoo fi Tokkummaa ummataa fi biyya Oromoo yaadni tahe kaayoo Gabateen Marihannoo Gumii irratti hundaawe waan faalleessuuf Gabatee Marihannoo Gumii irratti dhiheessuun hin dandahamu
- Gabatee Marihannoo Gumii OLC Discussion Board (OLC-DB) irratti qooda fudhachuuf seera Gaggeessituun Gabatee Marihannoo Gumii (OLC Discussion Board Management (OLC-DBM) armaan olitti tarreessite kabajuun dirqama; Namni yeroo sadii irra deddeebi'ee seera cabse, Gabatee Marihannoo irraa haqa qooda fudhachuu dhaba.
- Gabatee Marihannoo Gumii irratti marihannoo miseensotni Gabatee Marihannoo gaggeessan keessaa dhimma Oromoo qofa ilaalu alagaatti dabarsuun dantaa ummata Oromoo waanxuquuf(hubuuf) dabarsuun hindandahamu;
- Marihannoon godhamu caalaatti buaa kennuu akka dandahuuf haala gara fuula duraatti dhalatu irratti Gaggeessituun Gabatee marihannoo Gumii(OLC discussion Board management) qaceelfama barbaachaisaa tahe kenniti!
|
:: Gumii Bilisummaa Oromiyaa ::
|
|
|
| |
|