Waraana deemaa jiru kana irratti uummatni biyya Ertiraa fi Itopiyaa keessa jiraatu qabeenyi isaa, horii fi lubbuun isaa haa gaaga'amu malee lolli kun kan tahaa jiru uummta biyya kana lamaan keessa jiraatan jidduutti akka hin taane dagatamuu hin qabu. Waraana kana kan oofaa jiru mootummaa EPLF fi TPLF akka tahe ifa kan jiru dha. Waraanni EPLF fi TPLF jiddutti deemaa jiru kun isa duraa akka hin taanes beekamaa dha.
Bara kudha sagalii fi sadeetaman keessa EPLF fi TPLF ololaa fi propagaandaa jabaa wal irratti oofuu irra darbanii meeshaa waraanan walitti bobb'anii nama hedduu wal irraa fixaniiru. Bara sana mootummaan Dargii lamaan isaanii iyyuu waan dhabamsiisuu barbaaduuf garaagarummaa isaanii hiikatanii amma mootummaan Dargii kufu waliin dhaabbataniru. Akka mootummaan Dargii kufeen, EPLF biyya Ertiraa, TPLF biyyaa Itopiyaa fudhachuu dhaan dantaa isaanii guutatanii nagaan mootummaan haaraan biyya lamaan keessatti dhaabbate. Warri bilisummaa sabaaf dhaabbanna jedhanii of faarsaa turan EPLF fi TPLF wali tahani saboota Impayera Itopiyaa keessa jiraatan gabroofachuu irratti walii galanii sochiin sabootaa akka dhaamu, yoo danda'ame akka dhabamu lamanuu gahaa guddaa godhanii jiru.
Erga walii galteen sochii saboota cunqursamaa dadhabsiisanii lolli maaliif jidhuu isaanitti ka'e?, gaaffi jedhu deebisuun salphaa miti. Oduun bakka hedduuti burqaan, akka wal tufachuun, mootota biyya lamaanii irraa dhufe himu. Oduun kan dantaa biyya sanaa saamuu irratti akka wal dhaban oddeessu. Mootummaan biyya lamaanii garuu wal dhabdeen isaani daangaa biyyaa irratti akka tahe ifatti labsaa jiru. Haa tahu malee waraanni deemaa jiru kun ijoollee obbolaa jiddutti akka tahe illee sabonni akka Oromoo irranfachuu hin qaban. Ummatni Tigraayii fi uummatni badaa Ertiraa keessa jiraatu afaan, aadaa fi seenaa tokkicha akka qaban beekamaa dha. Kanaafuu lola isaan jiddutti tahaa jiru irratti nuyi gama tokko goruun hammi nu garaaruu danda'u guddaa miti jedheen amana.
Haa tahu malee, waraanni kun deemaa jiraachuun isaa qabsoo uummata Oromoof bu'aa guddaa qaba. Ammaaf mootummaan biyyaa keenya garboofatee jiru mootummaa TPLF. Mootummaan kun waraana kana irratti heddu dadhaba. Meeshaan waraanaa guddaan irraa dhuma. Humni waraanaa isaa irra guddaan ni barbadaa'a. Dinagdee biyya sanaa daaraa taha. Beella, hiyumaa, gadaduumaa fi hojii dhabiitiin biyyaa sana keessatti ni hammaata. Dardara hunda gara waraanatti humnaan dirquun hojii mootummaa isa duraa taha. Warri hojii irra jiran illee mindaa isaanii irraa akka waraanaaf buusan gochuudhaan mootummaan TPLF har'a akka ilma namaa biyya sana keessa jiraatu tokko tokkon of irratti kaasaa jirtu ifaa fakkaata. Karaa kanaan yoo ilaalle waraanni kun yaroo dheeraaf yoo gototamee kufaatii TPLF waan mijjeessu fakkaata.
Karaa biraa waraana kana sababa godhachuu dhan mootummaan TPLF ilmaan Oromoo irratti hammeenya hammana kan hin jedhamne akka geessisaa jirtu hubachuu qabna. Hojii irraa arihamuun, qabeenya sarbamuun, mana hidhaatti darbamuu fi seeraa fi heera tokko malee batalatti ajjefamanii darbamuun biyya Oromoo hundaa keessatti dowwannaa guyyaa hundaa waan taheef ragaa gaafachuu hin barbaachisu. Mootummaan TPLF Oromoota humnaan gurtee gara adda waraanatti bobbaastee akka ilmaan jaldeessaa boombii owwalame irra oofudhaan akka ofii dhumanii lafa qulqulleesani gochuu isheetiif waan biyyi lafaa balaaleffachuu qabu dha. Haala kana kan fide lola deemaa jiru miti. Yoo lolli kun dhaabbates TPLF humnaan malee uummata Oromoo bituu waan hin dandeenyeef hammeenyi TPLF kun akka itti fufu mamii hin qabnu.
Lola deemaa jiru akka araaraan raawwatu humni baayyeen kan akka OAU, UN fi USA jidduu deemaa jiran. Waraanni kun yaroo gabaabaa keesstti dhaabbachuun isaas ni mala. Haa tahu malee mootummaan kun lameen waan haalan wal madeessaniif garaa qulqulluun dafanii hin araaraman taha. Keessattuu amma matootiin biyya lamaanii amma jiran biyya walii keessatti kittillayyoota horatan itti nagaa wal dhowwachuun kan itti fufu fakkaata. Mootumaa irraa wal darbuuf waldhaansoon godhan salphaa hin tahu. Kanaafuu ijaarsa mootumaa isa tokkoo mormu inni kan hidhachiisuu fi gargaaruu irraa kan booda jedhan miti. Yaroo kanatti tooftaa kana akka meeshaa lolaa tokkotti akka jidduu isaanitti deemsisaaa jiran ni agarra.
Yaroo lolii EPLF fi TPLF jidduu jiru araaraan akka raawwatamu tattaaffiin karaa adda addaa godhamaa jiru, Lola TPLF (Woyaneen) ummata Oromoo irratti godhaa jirtu biyyi ykn murnii dura dhabaate hin jiru. Kanaafuu, rakkinni Oromoo irra gahe ummata ykn dhabboota haqa Oromoof falman duwwaa dhan fala argaachuu akka qabu mamii hin qabu. Waan ijaarsonni saba Oromoo hooganna jedhanii fi sabni Oromoo beekuu qabnu inni duraa BILISUMMAAN AKKA BADHAASA HIN KENAMNE dha. Humni kam iyyuu mootummaa TPLF haa jibbu ykn haa hin jifatu, saba Oromoof bilisummaa fiduu hin danda'u. Bilisummaan saba Oromoo qabsoo ilmaan Oromoo godhan qofaan akka mirkanaa'u kaayyoo keenya isa duraa tahuu qaba.
Yaroo kana keessa ijaarsonni Oromoo gargaarsa walabumaa ijaarsaa fi kaayyoo bilisummaa saba keenyaa irratti hidhaa ykn meeshaa yoo argatan gamnummaan itti fayyadamuun karaa dha. Haa tahu malee, eenyummaanuu ammanii, ijaarsa, iccitii fi waraanaa ofii balbala bananii gola ofii agarsiisuun dhadhabii guddaa dha. Kana gochuun gaaga'ama kana hin jedhamne akka fiduu danda'us beekuu qabna. Humni biyya lafaa hundinuu dantaa isaa tikfachuuf malee dantaa saba keenyaaf kan dhaabatu hin jiru. Walitti dhufeenyi mootummaa TPLF kufisuu irratti eenyu iyyu wajjin walii galuu daneenyu tooftaa yaroof tahuu qaba natti fakaata.
Akka ilaalcha koo yoo tahe, sabni Oromoo saboota akka isaa cunqurfamaa tahanii Impayeera Itopiyaa keessa jiraatan (sabootii naannoo keenya jiraatan kan akka Afaar, Walaayitaa, Kambataa, wkf jechuu koti) wajjin walitti dhufeenya tersiimoo gochuun barbaachisaa dha. Warrii kun mootummaa TPLF darbuu irratti tahe, sana booda uummata Oromoo wajjin jiraachuuf rakkinni qaban xiqqaa dha. Kana irratti ijaarsonni Oromoos tahe beektonni Oromoo amma barbaachisu waan hojjetan hin fakkaatu. Nuyis saboota kana wajjin dhaabbachuuf karaa daneenyu irratti bobba'uuf of haa qopheessinu.